Jawaar mahammad xiinxalaa siyaasaa oromoo beekkamaa kan tahee fi waa'ee siyaasaa keessatti waggoota bayyeedhaaf nama hojjetaa tureedha.

Iddoo dhalootaa jawaar mahammad
Yeroo daa'ima ture bakki dhalootaa kiyya iddoman itti guddadhe natti fakkaataa ture. Gaafa tokko Godina Arsii, Aanaa Gololchaatti akkan dhaladhe osoon namatti himuu haati tiyya na dhageesse. Yeroo sanitti haasaa kiyya addaan kuttee dogongora akkan dubbadhe natti himuu hin filanne. Erga nama ani itti haasayaa ture saniin addaan baanee booda garuu bakkin itti dhaladhe Gololchaa osoo hin taane Aanaa Asakoo ganda Diimaa bakka Jinnii jedhamu kan gabayaan Hojja-Duree (Wiixataa) itti dhaabbattutti akka ta'e naaf himte.
Iddoon itti dhaladheefi kan itti guddadhe aanaalee ollaa godina Arsii keessatti argaman ta'us garaagarummaa haala qilleensaafi aadaa guddaa qabu. Iddoon itti dhaladhe lafa baddaa tan hedduu qabbanooftuudha. Waggaa guutuu rooba. Oomisha garbuu, Qamadii, Baaqilaa, Ataraafi Dinnichaan beekamti. Kan itti guddadhe ammoo gammoojjiidha. Midhaan caalaa oomisha bunaafi looniitiin beekamti. Haala qilleensaafi jireenyaatiin aanaalee Arsii caalaa kan Harargeetiin wal fakkaatti.
Sadarkaa barnootaa jawaar mahammad
Yeroo carraa barumsa biyya alaa argadhee gara Singaapoor deemuuf qophaayu, paaspoortii baafachuuf guyyaan dhalootaa akka lakkoofsa warra Faranjiitti barraahuu qaba jedhame. Gurbaan guca guuchisu "guyyaas, Ji'as, baras waggaa saddeet itti dabali" jechuun akkuma na gorse, gara Caamsaa 12, 1986 (May 12, 1986) jijjiiree barreesse.